Posts

Balaa Biiftuun Geessifte

Image
Urjiin nutti dhiyoo taatee fi jireenya dhalli namaa dachee kana irraa qabu kaallattiin kan itti hidhate, Biifttun torban dabarsine kana balaa guddaa geessifte. Biiftuun umurii walii galaa waggaa biliyoona 10 qabdu keessaa waggaa biliyoona 4.6 jiraatteetti kunis umurii walakkeessa irra akka jirtu agarsiisa. Akkuma beekamu jireenyi kenya lafa kana irraa Biiftuutti kallattin hidhata qaba. Biiftuun utuu hin jirtu ta’ee jireenyi hin jiru. Waanti jireenya keenyaaf bu’uura fi faayidaa guddaa qabdu kun akkasuma miidhaan ishee guddaadha. Biiftuun calaqqee ifaa gosa garaa garaa, ho’aa fi wantoota kan biroos ni maddisiifti. Waanta Biiftuu irraa maddu keessaa xiyyi  Ultraviolate (UV) jedhamu kan yoo lafa tuqe dhukkubootaa fi madaa garaagaraaf nu saaxiluu danda’u uumamaan baqqaana Oozoonii jedhamuun nurraa ittifama. Haa ta’u malee, xiyyi UV Oozooniin nurraa dhorkamu kun isa baay’e salphaadha. Biiftuun wantoota baay’e balaafamoo yoo akka carraa atmoosfeera dachee waliin walitti bu’aan miidhaa salpha

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Image
Baroota dheeraa darbanii fi sirnootni mootummaa darban hundi isaanii afaan, aadaaa, duudhaa, sirnaa fi walumaa galatti eenyummaa uummata Oromoo uukkamsaanii kan ofii isaanii itti fe’aa turaniiru. Ammas taanan gochi kun akkuma itti fufetti jira.  Utuu ta’eellee biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun saba Oromoon waan ijaaramteef wanti  calaqqifamuu qabu irra guddaan kan saba kanaa ta’uu qaba ture. Gochi eenyummaa uukkamsuu kun immoo Oromiyaa fi Itoophiyaa diina walitti taasiseera. Oromiyaa fi Itoophiyaan diina waliiti! Waan Oromoo jalaa ukkaafame keessaa tokko akkaata lakkaawwi lakkoobsa baraati. Akkuman maxxansakoo kana duraa keessatti eeruuf yaale, Akkaatan lakkoobsa baraa kan Uummata Oromoo yeroo ammaa   kan nuti akka lakkoobsa habashaa (ALH) tti jennee itti fayyadamaa jirru kana irraa adda . Lakkoobsi baraa ALH kun warra habashaa qofaaf ta’uu qaba malee saba habashaa hin ta’iin, kan habashaa ta’eefis guutummaatti hojii irra oolu hin qabu. Oromoon Habashaa miti! Akka fakkeenyaatti mee guyyaa

Roobni roobu bishaan qofa jettanii yaaddu?

Image
Lafti keenya kun bakka bishaan bifa dhangala’aan itti argamu fi roobni bishaan ta’ee roobudha. Addunyaa kanneen biroo kessatti yoo ta’ee, bishaan bifa dhangala’aan roobuun keessummaadha. Bakka bishaanii, wantootni biroon yeroo rooban ni argamu. Isaan keessa muraasni akka armaan gadiitti dhiyaataniiru   1.       Pilaanetii Veenus Atmoosfeeriin Veenuus 96.6% Kaarbondaayioksaayidii fi 3.5% immo Naayitiroojinii dha. Atmoosferiin Veenus kun duumessa sulfarik asiidi ( opaque clouds made of sulfuric acid ) qabu irraa kan uumame waan ta’eef, Dachee Veenus irratti asiidii cimaa Sulfarik Asiidii rooba. 2.      Pilaanetii Neptiyuunii Atimoosferiin pilaanetii Neptiyuunii irra caala 80% Haayidroojinii, 19% Hiliyeemii fi 1% Miteenii of keessa qaba. Dhiibban (pressure) guddaan Neptune irra jiru, Miteenii caccabsuun gara diyaamondiitti jijjiira. Kanaafuu, Pilaanetii Neptiyuunii irratti roobni roobu Diyaamondii dha. Diyaamondiin elementii qaalii (rare) irra lafaatti argamudha, hawaa keessa ga

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)

Image
  Qorannoo hawaa keessatti ga’ee guddaa kan taphachaa jiru meeshalee baay’e barbaachisoo ta’aan keessa telescoppiin isa tokko. Hanga ammaatti addunyaan keenya kun qorannoo hawaaf teleskooppii guddicha Hubble Space Telescope (HST) kan jedhamu waggoota 30 oliif itti gargaaramteetti.  Erga bara 1990 gara hawaatti furguggifameetii teleskooppiin Hubble kun urjiilee fageenya dheera irratti argaman, gaalaksiiwwan, pilaanetootaa fi sirna aduu keenya kana bifa qulqullina qabuun abuureera. Gama guddina saayinsiitiin yoo ta’e, Hubble Space Telescopen kun daawwannaa miliyoona 1.4 ol ( 1.4 million observations ) fi waraqaan qorannoo saayinsii kumni 18 ol aragnnoo meeshaa kanaatin hojjetamanii maxxanfamaniiru. Dhiyeenya kana rakkoo tekinikaa isa mudateen Hubble Space Telescopen ergama itti kenname haalan ba’uu dadhabus, suphaa fageenya irratti lafa taa’amee godhameefin gara hojiitti deebi’uu danda’ee jira. Ergama isa kanas waggoota itti aananiif akka ba’aatu abdiin irra kaawwameera. Hubble Space

Lakkobsa baraa Uummata Oromoo fi Ayyaanota Waggaa

Image
  Akkaatan lakkoobsa baraa kan Uummata Oromoo yeroo ammaa kana kan nuti akka lakkoobsa habashaa (ALH) tti jennee itti fayyadamaa jirru kana irraa adda.   Ayyannotni waggaa illee biyya keenya keessatti akka lakkobsa habashaatti waan barri lakkaa’amuuf ayyaanni waggaa isaa wal haa fakkaatu malee, guyyan isaa akka kan sirna Gadaatti addaa addaa. Kana jechuun, akkatan lakkobsa baraa kan akka lakkobsa habashaatti jennu kun dogoggora, addunyaa irraa illee biyya keenya qofatuu lakkobsa baraa akkasii qaba. Akkataa lakkobsa baraa kan sirna Gadaatiin yoo ta’e, barri tokko ji’oota 12 qaba, ji’ootni kun immoo guyyoota adda addda 28 hanga 30 qabu. Kun gama tokkoon akkaata lakkobsa baraa kan addunyan kun itti fayyadamtu wajjiin wal fakkaata.   Guyyaan har’aa akka lakkobsa habashaatti Fulbaana 15, bara 2014 yoo ta’ee, akkaata lakkoobsa baraa kan sirna Gadaatiin immoo guyyaan har’aa; Areeri Duraa, baatii Bitoottessaa bara 2021 dha. Kunis, guyyootni baatii tokko keessaa hundi isaanii maqaa qabu. Fakk

Bakkakkaan maali?

Image
  Bakkakkaa Bakkakkaan maali? Akkamitti Uumamaa? Waa’ee bakkakkaa yaada akkamii qabdu? Bakakkaa irraa akkamitti of eegna?   Namootni tokko tokko bakakkaan sibiila gubbaa lafatti kufudha, lafaa yoo argatame qarshii guddaatti gurguramee sooressa nama taasisa jedhanii amanu. Kana dhaga’ee kan bakakkaa lafa irra barbaadaa oolu baay’edha. Kan erga bakakkaan bu’ee booda bakka inni bu’ee sana qotu illee hin dhabamu. Garuu kun yaada dogoggoraati. Waantootni hunduu atoomii irraa uumaman yokiin atoomota of keessaa qabu. Atoomiin kun immoo keessoo nuukilasii isaatii keessatti qamolee atoomawaa niwutiroonii fi prootoonii kan jedhaman, ala nuukilasii isaatii irratti immoo elektiroonii qaba. Pirootooniin chaarjii poosatiivaa yeroo qabu, elektrirooniin immoo chaarjii negatiivaa qaba. Niwutirooniin immoo chaarjii maleessa. Uumamaan atoomiin chaargii maleessa (neutral) yokiin chaarjiin isaa equilibrium dha. Chaarjiin equilibriumn kun sababa electrification yokiin mala tuqaatii, walitti riga

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Image
  Oromoon wantoota bu’uuraa baay’e kalaqee addunyaaf gumaacha godhee jira. Kanneen keessa; Sirna dimookiraasii, Guddifachaa, fi sirni urjiilee lakkaa’uu isaan muraasa. Kana qofa miti, Oromoon sirna guyyaa, ji’a fi bara ittiin lakkaa’u sirna mataa ofii isaati qaba. Kun immoo kallattiin barnoota ammayaa kanaa keessumaa kan Astiroonoomii waliin walitti dhufeenya guddaa qaba, bu’uuradhas. Akka seenan jedhutti sirni kalaandarii waggaa ittiin lakkaa’aan kun uummata Oromoo biratti kan dhaloota Kristoos dura bara 300 (300 BC) akka uumame ifoomsa. Akkaata kalandarii sirna Gadaatti, baatiin tokko guyyoota 29 of keessa qaba. Waggaan tokko immoo baatilee (ji’oota) 12 of keessa qaba. Kalaandariin kun torban kan hin qabne yoo ta’u, guyyootni ji’a (baatii) tokko keessa jiran hundi isaanii maqaa qabu. Baatileen waggaa tokko keessa jiranis akkasuma maqaa qabu. Kun immoo addeessa fi urjiilee irratti hunda’aa. Kalaandariin kun astiroonomikal kalaandarii (astronomical calendar) jedhama. Astiroonoomikal ka