Roobni roobu bishaan qofa jettanii yaaddu?

Lafti keenya kun bakka bishaan bifa dhangala’aan itti argamu fi roobni bishaan ta’ee roobudha. Addunyaa kanneen biroo kessatti yoo ta’ee, bishaan bifa dhangala’aan roobuun keessummaadha. Bakka bishaanii, wantootni biroon yeroo rooban ni argamu. Isaan keessa muraasni akka armaan gadiitti dhiyaataniiru  

1.     Pilaanetii Veenus

Atmoosfeeriin Veenuus 96.6% Kaarbondaayioksaayidii fi 3.5% immo Naayitiroojinii dha. Atmoosferiin Veenus kun duumessa sulfarik asiidi (opaque clouds made of sulfuric acid) qabu irraa kan uumame waan ta’eef, Dachee Veenus irratti asiidii cimaa Sulfarik Asiidii rooba.

2.     Pilaanetii Neptiyuunii

Atimoosferiin pilaanetii Neptiyuunii irra caala 80% Haayidroojinii, 19% Hiliyeemii fi 1% Miteenii of keessa qaba. Dhiibban (pressure) guddaan Neptune irra jiru, Miteenii caccabsuun gara diyaamondiitti jijjiira. Kanaafuu, Pilaanetii Neptiyuunii irratti roobni roobu Diyaamondii dha.

Diyaamondiin elementii qaalii (rare) irra lafaatti argamudha, hawaa keessa garuu baay’inaan argama

3.     Tiitan

Tiitan saatalaayitii (addeessa) pilaanetii Saatarniin qabu keessa isa tokko. Addeessi kun galaana dhangala’aa Haayidirookaarbonii irraa uumame fi haroo qaba. Addeessa kana irratti roobni ni rooba. Garuu roobni kun bishaan utuu hin taane Miteenii dha.

4.     K2-141b (The Hell planet)

 Exo-pilaanetiin kun pilaanetii garba maagimaa baay’e ho’aa ta’ee fi kattaawwan boba’aan qaba. Kanaaf, pilaanetii du’aa (the hell planet) jedhama. Pilaanetii kana irratti waanti roobu illee dhangala’aa sibiila Ayiranii dha.

 HD 189733b

Pilaanetiin kun pilaanetii sirna Biiftuun alatti argamu dha. Dacheen pilaanetii kanaa bubbee saffisa guddan socho’uu fi Silkeetii of keessa qabu qaba. Kun immoo burcuqqoo (glass) uumama akka uumamu godheera. Roobni pilaanetii kana irratti ni rooba. Garuu roobni kun akka isa nuti beeknu gubbaati gad utuu hin taane dalga rooba (more horizontal than vertical). Pilaanetii kana irratti burcuqqoo (glass) rooba.



Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)