Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

 Oromoon wantoota bu’uuraa baay’e kalaqee addunyaaf gumaacha godhee jira. Kanneen keessa; Sirna dimookiraasii, Guddifachaa, fi sirni urjiilee lakkaa’uu isaan muraasa. Kana qofa miti, Oromoon sirna guyyaa, ji’a fi bara ittiin lakkaa’u sirna mataa ofii isaati qaba. Kun immoo kallattiin barnoota ammayaa kanaa keessumaa kan Astiroonoomii waliin walitti dhufeenya guddaa qaba, bu’uuradhas. Akka seenan jedhutti sirni kalaandarii waggaa ittiin lakkaa’aan kun uummata Oromoo biratti kan dhaloota Kristoos dura bara 300 (300 BC) akka uumame ifoomsa. Akkaata kalandarii sirna Gadaatti, baatiin tokko guyyoota 29 of keessa qaba. Waggaan tokko immoo baatilee (ji’oota) 12 of keessa qaba. Kalaandariin kun torban kan hin qabne yoo ta’u, guyyootni ji’a (baatii) tokko keessa jiran hundi isaanii maqaa qabu. Baatileen waggaa tokko keessa jiranis akkasuma maqaa qabu. Kun immoo addeessa fi urjiilee irratti hunda’aa.

Kalaandariin kun astiroonomikal kalaandarii (astronomical calendar) jedhama. Astiroonoomikal kalandariin immoo sirna qorannoo urjiilee fi addeessa of keessa qaba. Oromoon tuuta urjiilee ‘urjii sadee’, ‘urjii torbi’i, ‘urjii salgee’ jedhee kan inni waamu astiroonoomii ammayaa kana keessatti constellation jedhamu. Constellation tuuta urjiilee samii keessa boca addaa addaan mul’isanii argamaniiti. Ji’ootni sirna Gadaa keessa kun tuuta urjiilee kanaa irratti hundaa’anii moggaafaman.
Fakkeenyaf:
Bitootessaa: Ji’a jalqabaa waggaati. Guyyaan jalqabaa ji’a kanaa sirna Gadaa keessatti ‘Bitaa kaarra’ jedhama. Guyyaa kana constellation Triangulum jedhamuu fi Addeessi wal cinaatti guyyaa isaan itti mul’atanidha. Sirna Gadaa keessatti constellation kun ‘Lammii’ jedhama. Moggaasni maqaa Bitootessas kanuma irraati
Caamsaa: Jiini caamsaa constellation ‘Pleiades’ jedhamu irraa moggaafame. Pleiades constellation samii keessa gara kaabatti argamudha. Kunis sirna Gadaa keessatti ‘Buusaan’ jedhama
Waxabajjii: Jiini kun urjii Bellatrix jedhamuun bakka bu’a. Urjiin kun sirna Gadaa keessatti ‘Argaa Jimaa’ jedhama
Sadaasa: Yeroo addeessi nuusa taate mul’attu
Guraandhala: yeroo addeessi xiqqaatte mul’attu
Oromoon sirna kalandarii baraa jaarra heeddu dura erga qabaatee, sirna urjii fi adeessa qorachuu qaba jechuudha. Kun immoo astiroonoomii ammayaa kanaaf bu’uura isa taasisa.
Garuu,Oromoon waan kalaqee addunyaaf gumaache kanaaf hanga barbaadamu beekamtii itti hin arganne. Dhalootni ammaa kun waan Oromoo kana addunyaatti beeksisuuf dirqama keenya haa baanun dhaamsa kooti.
Horaa Bulaa

Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)