Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)
Qorannoo hawaa keessatti ga’ee guddaa kan taphachaa jiru meeshalee baay’e barbaachisoo ta’aan keessa telescoppiin isa tokko. Hanga ammaatti addunyaan keenya kun qorannoo hawaaf teleskooppii guddicha Hubble Space Telescope (HST) kan jedhamu waggoota 30 oliif itti gargaaramteetti. Erga bara 1990 gara hawaatti furguggifameetii teleskooppiin Hubble kun urjiilee fageenya dheera irratti argaman, gaalaksiiwwan, pilaanetootaa fi sirna aduu keenya kana bifa qulqullina qabuun abuureera. Gama guddina saayinsiitiin yoo ta’e, Hubble Space Telescopen kun daawwannaa miliyoona 1.4 ol (1.4 million observations) fi waraqaan qorannoo saayinsii kumni 18 ol aragnnoo meeshaa kanaatin hojjetamanii maxxanfamaniiru.
Dhiyeenya
kana rakkoo tekinikaa isa mudateen Hubble Space Telescopen ergama itti kenname
haalan ba’uu dadhabus, suphaa fageenya irratti lafa taa’amee godhameefin gara
hojiitti deebi’uu danda’ee jira. Ergama isa kanas waggoota itti aananiif akka
ba’aatu abdiin irra kaawwameera.
Hubble
Space Telescopen cinatti, teleskooppiin dhaloota fuul-duraa, isa guddichaa fi
teknoloojii haaraan kan irratti tolfame baay’e gatii jabeessa jedhamee
leellifameef, kan ‘Jammes Webb Space Telescope’ jedhamu ji’aa Sadaasaa fuul
dura keenya jiru kanatti gara hawaatti ergamuuf qophaa’ee jira. Teleskooppiin
kun jalqaba ‘New Generation Space Telescope, NGST’ maqaan jedhu moggaafamee kan
ture yeroo ta’uu, boodarra maqaan kun ‘Jammes Webb Telescope’ tti
jijjiirameera. Kunis, bulchiinsa NASA duraanii maqaa Jemms Webbn kan mogga’eedha.
Teleskooppiin
James Webb Space Telescope jedhamu kun, galteewwan Hubble Space Telescope hunda
kan qabatee fi uwwisa dambalii dheeraa (large wave length coverage) fi
dandeetti saffisaa olaana kan qabudha. Ergamni guddaan teleskooppii kanatti
kenname inni jalqabaa; yeroo darbe (past time) duuba deebi’ee akka ilaalu
(uumama hawaa jalqabaa), taatewwan Big Bang booda irraa jalqabee hanga ammaatti
jiran akka qo’aatuu, urjiilee, gaalaksiiwwanii fi pilaanetoota haara hanga
ammaati hin beekamiin akka abuuruuf abdiin irra kaawwameera. Bakkeewwan lafan
alatti jireenya lubbu qabeeyyiif mijatoo
ta’aan abuurunis ergama isaa kan biraati.
Ijaarsa
teleskooppii kanaatiif doolarri Ameerikaa Biliyoonni 5 ol baasii ta’ee jira.
Haala qilleensaa baay’e qorraa ta’e keessatti dandeettin hojjechuu isaatii fi
teknoloojiiwwan baay’e olaano ta’aan kan tolfamaniif ta’uun isaa meesha kana
adda isa taasisa.
Woow. Qaxalee koo burqaa beekumsa hawaa tokko akka nuuf taatu abdii guddaan sirraa qaba nuu jabaadhu.!
ReplyDeleteNuu jiraadhu Hayyuu keenyaa!!
ReplyDelete