Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba




Baroota dheeraa darbanii fi sirnootni mootummaa darban hundi isaanii afaan, aadaaa, duudhaa, sirnaa fi walumaa galatti eenyummaa uummata Oromoo uukkamsaanii kan ofii isaanii itti fe’aa turaniiru. Ammas taanan gochi kun akkuma itti fufetti jira.  Utuu ta’eellee biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun saba Oromoon waan ijaaramteef wanti calaqqifamuu qabu irra guddaan kan saba kanaa ta’uu qaba ture. Gochi eenyummaa uukkamsuu kun immoo Oromiyaa fi Itoophiyaa diina walitti taasiseera. Oromiyaa fi Itoophiyaan diina waliiti!

Waan Oromoo jalaa ukkaafame keessaa tokko akkaata lakkaawwi lakkoobsa baraati. Akkuman maxxansakoo kana duraa keessatti eeruuf yaale, Akkaatan lakkoobsa baraa kan Uummata Oromoo yeroo ammaa kan nuti akka lakkoobsa habashaa (ALH) tti jennee itti fayyadamaa jirru kana irraa adda. Lakkoobsi baraa ALH kun warra habashaa qofaaf ta’uu qaba malee saba habashaa hin ta’iin, kan habashaa ta’eefis guutummaatti hojii irra oolu hin qabu. Oromoon Habashaa miti!

Akka fakkeenyaatti mee guyyaa ha’aa haa ilaallu;

 Guyyaan har’aa Akka Lakkoobsa Habashaa (ALH) tti:

15/04/2014 YKN Tahisas 15, 2014

Guyyaa har’aa akka Lakkoobsa Addunyaa (Gregorian Calendar) tti:

24/12/2021 YKN December 24, 2021

Guyyaa har’aa Akka Lakkoobsa Oromootti:

24/12/2021 YKN  Salban Duraa / Gurraandhala / 2021

Kana jechuun;

Guyyaa har’aa: Salban Duraa

Baatii: Gurraandhala

Bara: 2021

Akkaataan lakkobsa baraa kan uummata Oromoo kan addunyaa waliin wal fakkaata. Kan ALH immo waggaa 8 tiin boodatti hafa. Utuu kan addunyaa waliin wal fakkaatu jiruu maalif waggaa 8 boodatti hafuun barbaachise? Deebii isaa isunumaafin dhiisa.

Kanaafuu, akkaatan lakkoobsa baraa itti fayyadamaa jirru kun illee qaama eenyummaa Oromoo uukkaamsuu fi qomoo Oromoo jijjiiruu waan ta’eef waan nutti fe’ame kana fudhachuu didnee kan keenya isa ganamaatti haa deebinuun dhaamsa kooti. 


#Galatoomaa!

Comments

  1. Atis Galatoomi. Kanan jedhu, Akkam sirna Gadaatti/ Lakkoofsa baraa kan Oromootti Jiini tokko guyyoota 27 qaba, guyyoonni hundi immoo maqaa ofii isaanii qabu jedhama. Maqaa guyyoota kanneenii argachuun barbaada.
    osoo maxxansamee gaariidha.

    ReplyDelete

Post a Comment

Popular posts from this blog

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)