Bakkakkaan maali?

 

Bakkakkaa

Bakkakkaan maali?

Akkamitti Uumamaa?

Waa’ee bakkakkaa yaada akkamii qabdu?

Bakakkaa irraa akkamitti of eegna?

 Namootni tokko tokko bakakkaan sibiila gubbaa lafatti kufudha, lafaa yoo argatame qarshii guddaatti gurguramee sooressa nama taasisa jedhanii amanu. Kana dhaga’ee kan bakakkaa lafa irra barbaadaa oolu baay’edha. Kan erga bakakkaan bu’ee booda bakka inni bu’ee sana qotu illee hin dhabamu. Garuu kun yaada dogoggoraati.

Waantootni hunduu atoomii irraa uumaman yokiin atoomota of keessaa qabu. Atoomiin kun immoo keessoo nuukilasii isaatii keessatti qamolee atoomawaa niwutiroonii fi prootoonii kan jedhaman, ala nuukilasii isaatii irratti immoo elektiroonii qaba. Pirootooniin chaarjii poosatiivaa yeroo qabu, elektrirooniin immoo chaarjii negatiivaa qaba. Niwutirooniin immoo chaarjii maleessa. Uumamaan atoomiin chaargii maleessa (neutral) yokiin chaarjiin isaa equilibrium dha. Chaarjiin equilibriumn kun sababa electrification yokiin mala tuqaatii, walitti rigamuu (induction, rubbing) dhaan jijjiirama.

Duumessi atoomi of keessaa qaba. Sochiin duumessaa immoo akka duumessi walitti rigamu taasisa, electrification ta’e jechuudha. Yeroo kana chaarjonni poosatiivaa fi negatiivaa ni uumamu. Chaarjonni uumaman kun humna guddaa qabu. Saffisa olaanaadhaan qilleensa keessa deemu. Sababa humnaa fi saffisaa olaanaa chaarjota kanaa atoomotni qilleensa keessa jiranii ionized ta’uu, ni ho’uu, sagaleen illee ni uumama.  

Lafa kana irra illee chaarjonni jiru. Yoo chaarjiin lafa kana irra jiru poosativa ta’ee, kan duumessa keessatti sababa sochiin uumaman sun negatiiva ta’uu. Chaarjiin faalla walii ta’e immo akka seera Kolombiitti wal harkisu, humna qabu.

Kanaa booda, chaarjonni negatiivaa duumessa keessa jiran sun ariitii fi humna guddaan chaarjii poosatiivaa lafa irra jiraniin harkifamu. Yeroo kana bakkakkaan bu’e jenna. Yeroo kana jalqaba ifa argina Sanaa booda sagalee dhageenya. Kun sababni isaa, ariitiin ifaa ariitii sagalee waan caaluuf ifni dafee nu bira ga’aa sanaa booda sagalee dhageenya.

Kanaafuu, bakakkaan sibiila miti, lafaas hin argamu. Chaarjiidha

Bakakkaa irraa akkamitti of eegna?

Chaarjiin ariitii guddaan lafatti harkifamu sun jalqaba wantoota ol dheera irratti harkifama. Kanaaf yeroo bay’ee bakakkaan muka dheera irra bu’aa. Mukti chaarjii of keessa dabarsuu waan hin dandeenyef chaarjii kana baachu hin danda’uu ni baqaqa yokiin ni caba.

Kanaaf yeroo roobaa muka jalatti baqachuun gaarii miti. Yeroo roobaa wantoota ol dheeroo ta’aan kanneen akka muka dheeraa fi tulluu irraa fagaachuu, rooba keessa lafa irra ciisuu dhiisuun bakakkaa irraa of eeguu dandeenya.

Dhaloota qaroome horachuuf beekumsi saayinsii barbaachisaadha!



 

 

Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)