Balaa Biiftuun Geessifte

Urjiin nutti dhiyoo taatee fi jireenya dhalli namaa dachee kana irraa qabu kaallattiin kan itti hidhate, Biifttun torban dabarsine kana balaa guddaa geessifte. Biiftuun umurii walii galaa waggaa biliyoona 10 qabdu keessaa waggaa biliyoona 4.6 jiraatteetti kunis umurii walakkeessa irra akka jirtu agarsiisa.

Akkuma beekamu jireenyi kenya lafa kana irraa Biiftuutti kallattin hidhata qaba. Biiftuun utuu hin jirtu ta’ee jireenyi hin jiru. Waanti jireenya keenyaaf bu’uura fi faayidaa guddaa qabdu kun akkasuma miidhaan ishee guddaadha.

Biiftuun calaqqee ifaa gosa garaa garaa, ho’aa fi wantoota kan biroos ni maddisiifti. Waanta Biiftuu irraa maddu keessaa xiyyi  Ultraviolate (UV) jedhamu kan yoo lafa tuqe dhukkubootaa fi madaa garaagaraaf nu saaxiluu danda’u uumamaan baqqaana Oozoonii jedhamuun nurraa ittifama.

Haa ta’u malee, xiyyi UV Oozooniin nurraa dhorkamu kun isa baay’e salphaadha. Biiftuun wantoota baay’e balaafamoo yoo akka carraa atmoosfeera dachee waliin walitti bu’aan miidhaa salphaa kanneen akka Maagnetiik fiildii lafaa jeequu, (geomagnetic storm)  odeeffanno (communication) kanneen akka Raadaarii, Tv, Plane, Mobile fi kanneen biroo jeequu tii hanga miidhaa guddaa dachee kana gubuu danda’aanii yeroo yerootti maddisiifti.

Wantootni kunneen Solar Energetic Particles jedhamu. Isaaniis: Solar Flare, Coronal Mass Ejection, Solar Storm fi Solar Wind jedhamanii beekamu. 

Maalummaa wantoota kanneenii, akkamitti laft isaan irra eegamtee akka jirtu fi miidhaa isaan geessisan  maxxansa itti aanu keessatti ballinaan isiniif dhiyeessa. 


Har’a yoo gara mata duree kootitti deebine, Jalqaba baatii Ammajjii keessa Saatalaayitootni nam-tolchee kan Star link satellites jedhaman gara hawaatti furguggifamii turan. Satalaayitootni kunneen ifaajee namicha sooressa addunyaa kanaa Elon Musk jedhamuu karoora internetii saffisa olaanaa qabuu maddisiisuuf qabatee galmaan ga’uuf furguggifaman.

Saatalaayitootni kunneen maddaa aannisaa interneetaa saffisa olaanaa qabuu maddisiisuuf orbiitii dachee gad-anaa (low earth orbit) irraa kaawwamanii turan

Haa ta’u malee Saatalaayitootni baay’inni isaanii 40 ta’uu sababa Solar Stormn atimoosphera dachee tuqeef barbadaa’uun isaanii kaampaaniin kun gabaasee ture. Solar Stormn kun atimoosphera dachee saatalayitoota kanneen barbadeessuu malee miidhaa kan biraa lafa irraan hin geenye ture. Saatalaayitootni 40 immoo hojiin ala ta’uun isaanii adda baafameera. Kanaanis kampaaniin kun doolara miliyoona 100 kasaareera. Caccaabaanii fi gubataan haftee qaama saatalaayitoota kanneenii gara fuul duraatti dachee irratti ni kufu jedhamee eegama.

Bara 2012 baatii Ammajjii keessa Coronal Mass Ejection ariitii sa’aatii tokkotti kiiloomeetira 1400 (1400 km/hr) imalu atimoosphera dachee tuqee jeequmsa maagnetiik fiildii lafaa irraan ga’ee (minor geomagnetic storm) jeequmsa uumun isaa kan yaadatamudha.

Dachee sekoondii tokkoo gaditti gubachuu dandeessu irra teenyee wal jiibina

Jaalala waliif qabaachuun, Gaarummaa walitti agarsiisuutiin yeroo keenya haa dabarsinu!

Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)