Lakkobsa baraa Uummata Oromoo fi Ayyaanota Waggaa

 

Akkaatan lakkoobsa baraa kan Uummata Oromoo yeroo ammaa kana kan nuti akka lakkoobsa habashaa (ALH) tti jennee itti fayyadamaa jirru kana irraa adda.  Ayyannotni waggaa illee biyya keenya keessatti akka lakkobsa habashaatti waan barri lakkaa’amuuf ayyaanni waggaa isaa wal haa fakkaatu malee, guyyan isaa akka kan sirna Gadaatti addaa addaa. Kana jechuun, akkatan lakkobsa baraa kan akka lakkobsa habashaatti jennu kun dogoggora, addunyaa irraa illee biyya keenya qofatuu lakkobsa baraa akkasii qaba. Akkataa lakkobsa baraa kan sirna Gadaatiin yoo ta’e, barri tokko ji’oota 12 qaba, ji’ootni kun immoo guyyoota adda addda 28 hanga 30 qabu. Kun gama tokkoon akkaata lakkobsa baraa kan addunyan kun itti fayyadamtu wajjiin wal fakkaata.  

Guyyaan har’aa akka lakkobsa habashaatti Fulbaana 15, bara 2014 yoo ta’ee, akkaata lakkoobsa baraa kan sirna Gadaatiin immoo guyyaan har’aa; Areeri Duraa, baatii Bitoottessaa bara 2021 dha. Kunis, guyyootni baatii tokko keessaa hundi isaanii maqaa qabu. Fakkeenyaaf, guyyaan 1ffaan, Bitaa Kaarra, guyyaan 2ffaan: Bitaa lama, guyyaan 3ffaan: Gardaaddumma, guyyaan 4ffaan: Soonsa, guyyaan 5ffaan: Soorsaa, ……jedhuun guyyaan har’aa 15ffaan: Areerii Duraa jedhama. Baatiin waggaa jalqabaa immoo Bitootessa (Lammii) irraa eegalee, Caamsaa (Buusan), Bufaa (Bakkalcha), Wacaabajjii, Oboraa Guddaa, Oboraa Xiqqaa (Baasaa),..…jedhamanii baatilee kudha lamatuu jiru.

Baatii jalqabaa kana keessatti, Oromoon ayyaanota kanneen akka Irreecha malkaa fi Tulluu, Ateetee, Qillee, Ayyaana Buna qalaa, Wadaaja, Ayyaana Loonii, Masqala (Gubaa) fi kanneen kana fakkaatan qaba.

Kanaafu, akkaatan nuti yeroo ammaa kana bara itti lakkaa’aa jirru fi ayyaanota waggaa itti ayyaanessaa jirru kun ollaa irraa waan nutti maqeef kan keenya isa ganamaatti haa deebinuun dhaamsa kooti.

Galatoomaa!



Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)