Posts

Showing posts from September, 2021

Lakkobsa baraa Uummata Oromoo fi Ayyaanota Waggaa

Image
  Akkaatan lakkoobsa baraa kan Uummata Oromoo yeroo ammaa kana kan nuti akka lakkoobsa habashaa (ALH) tti jennee itti fayyadamaa jirru kana irraa adda.   Ayyannotni waggaa illee biyya keenya keessatti akka lakkobsa habashaatti waan barri lakkaa’amuuf ayyaanni waggaa isaa wal haa fakkaatu malee, guyyan isaa akka kan sirna Gadaatti addaa addaa. Kana jechuun, akkatan lakkobsa baraa kan akka lakkobsa habashaatti jennu kun dogoggora, addunyaa irraa illee biyya keenya qofatuu lakkobsa baraa akkasii qaba. Akkataa lakkobsa baraa kan sirna Gadaatiin yoo ta’e, barri tokko ji’oota 12 qaba, ji’ootni kun immoo guyyoota adda addda 28 hanga 30 qabu. Kun gama tokkoon akkaata lakkobsa baraa kan addunyan kun itti fayyadamtu wajjiin wal fakkaata.   Guyyaan har’aa akka lakkobsa habashaatti Fulbaana 15, bara 2014 yoo ta’ee, akkaata lakkoobsa baraa kan sirna Gadaatiin immoo guyyaan har’aa; Areeri Duraa, baatii Bitoottessaa bara 2021 dha. Kunis, guyyootni baatii tokko keessaa hundi isaanii maqaa qabu. Fakk

Bakkakkaan maali?

Image
  Bakkakkaa Bakkakkaan maali? Akkamitti Uumamaa? Waa’ee bakkakkaa yaada akkamii qabdu? Bakakkaa irraa akkamitti of eegna?   Namootni tokko tokko bakakkaan sibiila gubbaa lafatti kufudha, lafaa yoo argatame qarshii guddaatti gurguramee sooressa nama taasisa jedhanii amanu. Kana dhaga’ee kan bakakkaa lafa irra barbaadaa oolu baay’edha. Kan erga bakakkaan bu’ee booda bakka inni bu’ee sana qotu illee hin dhabamu. Garuu kun yaada dogoggoraati. Waantootni hunduu atoomii irraa uumaman yokiin atoomota of keessaa qabu. Atoomiin kun immoo keessoo nuukilasii isaatii keessatti qamolee atoomawaa niwutiroonii fi prootoonii kan jedhaman, ala nuukilasii isaatii irratti immoo elektiroonii qaba. Pirootooniin chaarjii poosatiivaa yeroo qabu, elektrirooniin immoo chaarjii negatiivaa qaba. Niwutirooniin immoo chaarjii maleessa. Uumamaan atoomiin chaargii maleessa (neutral) yokiin chaarjiin isaa equilibrium dha. Chaarjiin equilibriumn kun sababa electrification yokiin mala tuqaatii, walitti riga

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Image
  Oromoon wantoota bu’uuraa baay’e kalaqee addunyaaf gumaacha godhee jira. Kanneen keessa; Sirna dimookiraasii, Guddifachaa, fi sirni urjiilee lakkaa’uu isaan muraasa. Kana qofa miti, Oromoon sirna guyyaa, ji’a fi bara ittiin lakkaa’u sirna mataa ofii isaati qaba. Kun immoo kallattiin barnoota ammayaa kanaa keessumaa kan Astiroonoomii waliin walitti dhufeenya guddaa qaba, bu’uuradhas. Akka seenan jedhutti sirni kalaandarii waggaa ittiin lakkaa’aan kun uummata Oromoo biratti kan dhaloota Kristoos dura bara 300 (300 BC) akka uumame ifoomsa. Akkaata kalandarii sirna Gadaatti, baatiin tokko guyyoota 29 of keessa qaba. Waggaan tokko immoo baatilee (ji’oota) 12 of keessa qaba. Kalaandariin kun torban kan hin qabne yoo ta’u, guyyootni ji’a (baatii) tokko keessa jiran hundi isaanii maqaa qabu. Baatileen waggaa tokko keessa jiranis akkasuma maqaa qabu. Kun immoo addeessa fi urjiilee irratti hunda’aa. Kalaandariin kun astiroonomikal kalaandarii (astronomical calendar) jedhama. Astiroonoomikal ka

Pilaanetoota (Planets)

Image
  Gaalaksii keenya keessa akkuma urjiilee pilaanetoota baay’etu jiru. Isin pilaanetoota meeqa beektu? Kannen keessaa pilaanetii kam irra jiraachu barbaaddu? Sirni Soolarin (solar system) kun urjii keenya (Biiftuu), wantoota humna harkisaa isheen itti maxxanan hunda, Pilaanetoota (Mercury, Veenus, Lafa, Maarsii, Jupiiterii, Saatarnii, Yuuranusii fi Neptuunii), Kan pilaanetii fakkaatan (Dwarf Planets) (kanneen akka Piluutoo, Seresii fi Eerisii), Saatalaayitoota ykn Addeessota baay’e (dozens of moons), Asterooyidoota miliyyonan lakkaa’aman, Koometii fi Urjii furguggifamtuu of keessa qaba. Kanneen keessa har’a pilaanetiin maal akka ta’e, qaamni tokko pilaanetii jedhamuuf ulaagaa maali guutuu akka qabuu fi pilaanetoota beekamoo meeqatu jiru kan jedhu waliin ilaalla. Warra kaan booda itti deebina. Kunooti! Pilaanetiin qaamaa astiroonomawaa (celestial body) ta’ee, Sirna soolarii keenya keessatti kan biiftuutti marsan ykn naanna’ani dha. Haa ta’uu malee, qaamni biiftuutti marsu hundi pilaa

Urjiilee (Stars)

Image
#Urjiin maali? #Akkamitti uumamani? #Akkamitti ifa kennu? Yeroo hanga kamiif ifuu itti fufu? Itti Dhiyaadha!   Wantoota hawaa keessatti argaman, kan b aay’e ajaa’ibsiisoo ta’aan, waa’en isaanii odeeffame, barreefamee hin xummuramne keessaa Urjiileen isaan tokko. Kan baay’e nama ajaa’ibu immoo, Urjiilen dhalachuu, guddachuu fi du’uu isaaniiti. Urjiilen hawaa keessatti ni dhalatu, ni guddatu, erga guddatanii booda immoo ni du’uu. Urjiin qaama ulfaata, baay’e ho’aa, bifa kubbaa (spherical) kan humna harkisa ofii isaatiniitin aragamanidha. Sababa nuyi irraa baay’e baay’e fagoo ta’aniif yeroo ilaallu qaaman xiqqoo nutti fakkaatu malee, garuu dhugaadhumaan baay’en isaanii guddinaanis ifaanis Biiftu kana ni caalu. Urjiileen duumessaa fi dhukee guddaa (giant cloud of dust and gas) irraa gaalaksii (Eagle galaxy) jedhamu keessatti dhalatu. Bakki kun stellar nurseries jedhama. Urjiileen elementii Haaydiroojinii (Hydrogen) kan guutamanidha. Haaydiroojiniin kun akka boba’aatti urjiilee tajaajila

Hawaa Waliin Wal Baraa (Get acquainted with the Universe)

Image
  Kaabatti, kibbatti, bahaa fi lixatti kan argamtan uummanni bal'aan kun akkam nagaa jirtuu? Ani obboleessi keessan nagaa kooti. Biyya lafaa kana irra jiraachuf beekumsi aadaa, hawaasummaa, siyaasaa, saayinsii fi dinagdee barbaachisaadha. Akkuma hundi keessan beekumsa siyaasa gahaa qabdan, beekumsi saayinsiis immo isin barbaachisa. Kanaafu, beekumsan qabu irraa hanga dandeetti kooti isiniif qoodu barbaadee, yeroo gabaaba booda maxxansa walitti fufaa mata dureen isaa ''Hawaa waliin wal baraa'' jedhu qabadhee isiniif dhiyaachuufin jechaa jira. Hangam keessantuu waa'e lafa irra jiraacha jirru kanaa beeka? Lafa malee pilaaneetin kan biroo irra jiraachun danda'aamu jiraa? Pilaanetiin maali? Biiftun hoo? Urjiileen samii keessatti arginu kun maali? Gaaffilee kanneeni fi kan kana fakkaatan beeku yoo barbaaddan maxxansa ani qabadhee isiniif dhiyaadhu hordofaa, gaaffi fi yaada yoo qabaattan barreessa.