Hawaa Waliin Wal Baraa (Get acquainted with the Universe)

 Kaabatti, kibbatti, bahaa fi lixatti kan argamtan uummanni bal'aan kun akkam nagaa jirtuu? Ani obboleessi keessan nagaa kooti. Biyya lafaa kana irra jiraachuf beekumsi aadaa, hawaasummaa, siyaasaa, saayinsii fi dinagdee barbaachisaadha. Akkuma hundi keessan beekumsa siyaasa gahaa qabdan, beekumsi saayinsiis immo isin barbaachisa.

Kanaafu, beekumsan qabu irraa hanga dandeetti kooti isiniif qoodu barbaadee, yeroo gabaaba booda maxxansa walitti fufaa mata dureen isaa ''Hawaa waliin wal baraa'' jedhu qabadhee isiniif dhiyaachuufin jechaa jira. Hangam keessantuu waa'e lafa irra jiraacha jirru kanaa beeka? Lafa malee pilaaneetin kan biroo irra jiraachun danda'aamu jiraa? Pilaanetiin maali? Biiftun hoo? Urjiileen samii keessatti arginu kun maali?
Gaaffilee kanneeni fi kan kana fakkaatan beeku yoo barbaaddan maxxansa ani qabadhee isiniif dhiyaadhu hordofaa, gaaffi fi yaada yoo qabaattan barreessa.

Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)