Urjiilee (Stars)

#Urjiin maali?
#Akkamitti uumamani?
#Akkamitti ifa kennu? Yeroo hanga kamiif ifuu itti fufu?
Itti Dhiyaadha!

 Wantoota hawaa keessatti argaman, kan baay’e ajaa’ibsiisoo ta’aan, waa’en isaanii odeeffame, barreefamee hin xummuramne keessaa Urjiileen isaan tokko. Kan baay’e nama ajaa’ibu immoo, Urjiilen dhalachuu, guddachuu fi du’uu isaaniiti. Urjiilen hawaa keessatti ni dhalatu, ni guddatu, erga guddatanii booda immoo ni du’uu.

Urjiin qaama ulfaata, baay’e ho’aa, bifa kubbaa (spherical) kan humna harkisa ofii isaatiniitin aragamanidha. Sababa nuyi irraa baay’e baay’e fagoo ta’aniif yeroo ilaallu qaaman xiqqoo nutti fakkaatu malee, garuu dhugaadhumaan baay’en isaanii guddinaanis ifaanis Biiftu kana ni caalu. Urjiileen duumessaa fi dhukee guddaa (giant cloud of dust and gas) irraa gaalaksii (Eagle galaxy) jedhamu keessatti dhalatu. Bakki kun stellar nurseries jedhama.
Urjiileen elementii Haaydiroojinii (Hydrogen) kan guutamanidha. Haaydiroojiniin kun akka boba’aatti urjiilee tajaajila. Ifni urjiileen maddisiisan adeemsa wal nyaatinsa nuukilarawaa (nuclear reaction) handhuura (core) isaanii keessatti uumamu irraati. Wal nyaatinsi kun yeroo elementiin Haaydiroojinii kan urjiilee keessatti argamu gara elementii Hiiliyeemii (Helium) tti jijjiiramu dha. Yeroo kana ifnii fi ho’ii guddaan keessa urjiileeti madda jechuudha.
Haala ho’iinsa isaanii fi ifa isaan maddisiisan irratti hundoofne urjiilee qooduu dandeenya. Haaluma kanaan, Urjiileen bifa (color) garaagaraa (diimaa, cuquliisa, keello), hanga guddinaa (size) garaagaraa (xiqqaa, giddu-galeessa, guddaa) fi hanga ifa isaanii (brightness) garaa garaa qabu. Kana keessatti kan isin beeku qabdan Biiftun guyyaa guyyaatti ijaan arginu kan ifa fi ho’aa nuuf kennitu kun urjii qaaman gidduu galeessa taatedha. Kana jechuun urjiilen qaamaan Biiftuu gadi ta’aan, kan Biiftuu waliin wal qixa ta’aanii fi qaaman Biiftuu caala guddaa ta’aan ni jiru jechuudha. Garuu, sababa fageeya isaanii xiqqaa ta’aani nutti argamu ifni isaanis nu bira hin ga’uu malee.
Urjii guddaan kan baay’e baay’e ho’aa ta’ee fi baay’e ifu ykn ifa gudddaa maddisiisudha. Bifaan immoo baay’en isaanii Cuquliisa (blue) dha. Urjii xiqqaan immoo hanga ifaa fi qaaman urjii guddaa gadi kan ta’ee, baay’e ho’iinsa kan hin qabnedha. Bifaan immoo irra caalan urjiilee xixiqqoo diima (red) dha.
Sababa baay’e ho’uu isaanii irraa kan ka’ee urjiilen gurguddoon umuriin (life time) isaanii yeroo urjiilee xixiqqoo waliin wal bira qabnee xiqqaadha. Kana jechuun urjiilen xixiqqoo urjiile gurguddoo caala umurii dheera jiraatu, dafanii hin du’aan jechuudha
Sabaabni isaa, sababa guddina isaanii Haaydiroojinii baay’en gara Hiiliyeemitti dafee dafee jijjiirama. Yeroo hangi Haaydiroojinii urjiilee keessatti argamuu gara Hiiliyeemitti jijjiiramee dhumaa deemu urjiilen du’uu eegalu jechuudha.
Erga du’anii booda gara kamitti jijjiiramu? Maxxansa itti aanu keessattin qabadhee isniif dhiyaadha.
Yaada fi Gaaffi yoo qabaattan barreessu dandeessu
Dhaloota qaroome horachuuf, beekumsi saayinsii barbaachisaadha!

Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)