Pilaanetoota (Planets)

 Gaalaksii keenya keessa akkuma urjiilee pilaanetoota baay’etu jiru. Isin pilaanetoota meeqa beektu? Kannen keessaa pilaanetii kam irra jiraachu barbaaddu?

Sirni Soolarin (solar system) kun urjii keenya (Biiftuu), wantoota humna harkisaa isheen itti maxxanan hunda, Pilaanetoota (Mercury, Veenus, Lafa, Maarsii, Jupiiterii, Saatarnii, Yuuranusii fi Neptuunii), Kan pilaanetii fakkaatan (Dwarf Planets) (kanneen akka Piluutoo, Seresii fi Eerisii), Saatalaayitoota ykn Addeessota baay’e (dozens of moons), Asterooyidoota miliyyonan lakkaa’aman, Koometii fi Urjii furguggifamtuu of keessa qaba.
Kanneen keessa har’a pilaanetiin maal akka ta’e, qaamni tokko pilaanetii jedhamuuf ulaagaa maali guutuu akka qabuu fi pilaanetoota beekamoo meeqatu jiru kan jedhu waliin ilaalla. Warra kaan booda itti deebina. Kunooti!
Pilaanetiin qaamaa astiroonomawaa (celestial body) ta’ee, Sirna soolarii keenya keessatti kan biiftuutti marsan ykn naanna’ani dha. Haa ta’uu malee, qaamni biiftuutti marsu hundi pilaanetiidha jechuu hin dandeenyu. Qaamni tokko pilaanetii jedhamuuf ulaagaa sadii kanneen armaan gadii guutuu qaba.
1.Biiftuutti naanna’uu ykn marsuu qaba
2.Hanga ga’aa kan ofii isaatii (sufficient mass for it self) humna kamiyyuu mo’atee bifa geengoo (round) isa qabaachisu qabaachu qaba
3.Orbiitii ofii isaatii (clear orbit) qabaachu qaba
Ulaagaa kana kan guutani fi yeroo amma kana hangan barreefama kana isiniif maxxansetti biiftuu keenyatti naanna’aa kan jiran pilaanetoota beekamoo (popular) ta'aan 8tu jiru. Abuuruun akkkuma itti fufetti jira!
Pilaanetoota kanneen haala fuula (surface) fi keessoo isaanii irratti hundaa’un bakka 3tti qoodamu. Isaanis;
Pilaanetoota kattaa (rocky planets): Merkurii, Veenus, Lafaa fi Maarsii
Pilaanetoota alaa, dhukee guddaa (outer planets, gas giants): Juppiiterii fi Saatarnii (pilaanetii qubeelaa (ring) qabu
Pilaanetoota cabbii guddaa (ice giant): Yuuranusii fi Neeptunii dha
Maalummaa pilaanetoota kanneeni tokko tokkon gara fuul-duraatti qabadhee kanin isiniif dhiyaadhu ta’aa. Hangasitti pilaanetii isa kam irra jiraachu akka barbaaddan itti yaada! Irra jiraachun ni dandaa’amaa garuu?
Fayyaa Ta’aa!

Comments

Popular posts from this blog

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Sirna Gadaa fi Astiroonoomii (The indigenous Oromo’s Gada System and Astronomy)

Teleskooppii Jaarraa kanaa isa jalqabaa (James Webb Space Telescope)