Posts

Showing posts from December, 2021

Oromoon Lakkoobsa Habashaa Fayyadamuu Dhiisuu Qaba

Image
Baroota dheeraa darbanii fi sirnootni mootummaa darban hundi isaanii afaan, aadaaa, duudhaa, sirnaa fi walumaa galatti eenyummaa uummata Oromoo uukkamsaanii kan ofii isaanii itti fe’aa turaniiru. Ammas taanan gochi kun akkuma itti fufetti jira.  Utuu ta’eellee biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun saba Oromoon waan ijaaramteef wanti  calaqqifamuu qabu irra guddaan kan saba kanaa ta’uu qaba ture. Gochi eenyummaa uukkamsuu kun immoo Oromiyaa fi Itoophiyaa diina walitti taasiseera. Oromiyaa fi Itoophiyaan diina waliiti! Waan Oromoo jalaa ukkaafame keessaa tokko akkaata lakkaawwi lakkoobsa baraati. Akkuman maxxansakoo kana duraa keessatti eeruuf yaale, Akkaatan lakkoobsa baraa kan Uummata Oromoo yeroo ammaa   kan nuti akka lakkoobsa habashaa (ALH) tti jennee itti fayyadamaa jirru kana irraa adda . Lakkoobsi baraa ALH kun warra habashaa qofaaf ta’uu qaba malee saba habashaa hin ta’iin, kan habashaa ta’eefis guutummaatti hojii irra oolu hin qabu. Oromoon Habashaa miti! Akka fakkeenyaatti mee guyyaa